Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Magaalaa Shaggar Siitii Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu  keessatti waraanni faashistii PP  namoota golee Oromiyaa garaa garaa keessaa dhaquun hojjetanii jiraatan irratti hidhaa hammessan

ONM-ABO Adoolessa 11, 2024

Sirni badiin impaayera Itoophiyaa kaadirootaa fi humna waraanaa fayyadamuun Oromiyaa bakkoota addaa addaa keessaa jiruu fi jireenya isaanii fooyyeffachuuf bakka tokkoo gara bakka biraatti imaluun  hojjetanii of jireessan bakka dhaloota isaaniin  qooduun hacuuccaa jabaa irratti raawwachuu itti fufaniiru.

Haaluma kanaan magaalaa Shaggar Siitii keessatti maqaa quunnamtii waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun kan hiraarsaa jiran malee bakka hojii isaanii irraa ugguraa  kan jiran lakkoofsaan kan ibsamu miti.

Waajjira Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuu aanaa sadaffaa keessatti hidhamee kan ba’e tokko yaada isaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf akka qoodetti kutaa dhiphoo keessatti heddumminaan namoonni  hidhamanii akka jiran kaasuun, akkasumallee bakki wal hanqachuun kutaa tokko keessa namoota 100 ol jiraachuu fi  bakki guutuu irraan kan ka’e dhiphachaa bulaa akka jiranis ibse.

Itti dabaluun namoota achi buutee dhabamaniin alatti nama maqaan isaa Eebbaa Toomaas jedhamu magaalaa Najjoorraa Buraayyuu jiraachaa kan ture qabanii dhoksaatti hidhanii hiraarsaa akka jiranii fi Tawwakkal Sayidii fi Iyyoob kan jedhaman ammoo dararaa ulfaataan irratti raawwataa akka jiru nuuf himeera.

Exit mobile version