ONM-ABO Eebla 2, 2025
Haalli sochii uummataa fi barattootaa guyyoottan sadiif bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii kutaalee akka Buraayyuu fi kanneen biroo keessatti baay’ina humnoota waraanaa fi milishoota irraa kan madde daandiin kamuu ugguramee namoonni hedduun bakka dhaloota isaaniin yakkamuun hidhamuu fi barattoonni hedduun sochiin isaanii haalaan danqamaa akka jiru beekameera.
Kaadiroonni sirnichaas haala eegumsa magaalaa keessaa humnoonni Waraana Bilisummaa Oromoon ijaaramuun seenan danqaa uumuu malu kan jedhuun shororkaa guddaa keessa seenanii kan jiran yoo ta’u, bakkeewwan addaa addaatti sakattaan jabaachuu fi namoonni hedduunis lafa imala akka taasisaniif dirqisiisaa jiraachuun dhaga’ameera.
Magaalota Shaggar Siitii kana keessatti tiksitootni impaayerattii heddumminaan bobba’an fedhii Abiy Ahimediin aangoo irra tiksuuf qofa gochaawwan uummata dararan raawwachuu hanga lubbuu dhabamsiisuutti fudhachaa jiraachuun ni beekama.

