Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Shaggar Siitii Kutaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti  dirqamaan qarshii hawaasa irraa guuraa jiraachuun himame

ONM-ABO Ebla 23, 2024

Oromiyaa bakkeewwan hedduutti murni bilxiginnaa maqaa adda addaa dawoo godhachuun saamicha hawaasa nagaa irratti raawwatan jabeessanii itti fufuun namoonni hedduun yeroo itti qaala’iinsi jireenyaa  mataa irra ba’ee jirutti hedduu rakkachuu jiraattotni ONM dubbise tokko tokko ni dubbatu.

Saamichi kun kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti maqaa gibiraa, maallaqa milishaa, fi raayyaa ittisa biyyaa jedhuun uummata nagaa irratti geggeeffamaa jiraachuus dabaluun ibsaniiru.

Murni bilxiginnaa dinagdeen of dadhabuun saamichatti kan jiran yoo ta’u, Shaggar Siitii kutaa magaalaa Buraayyuu keessatti miliishonni mana jiraattotaa irra deemuun qarshii 1500 baankii Siinqee irra galchuun naga’ee isaa nuuf qopheessaa jechuun dirqamsiisaa jiru. Miliishonni kunneen lakkoofsa baankii qarshiin irra galu waraqaa irratti barreeffatanii kan deeman yoo ta’u, waraqaa kanas manaa manatti qoodaa akka jiran jiraataan magaalaa Buraayyuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko ifoomseera.

Exit mobile version