ONM-ABO Bitootessa 7, 2025
Bitootessa 4, 2025 kutaa magaalaa Buraayyuu keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa akka garee fi gooxii isaanitti walitti qabuun diigumsi manneen jiraattotaa dhaabbatee ture bifa haarawaan eegaluuf waan jiruuf meeshaalee mana keessaa qabdan baafadhaa jedhanii ajajuu jiraataan bulchiinsa magaalichaa tokko ONM’f ibseera.
Murni badiin kun manneen seeraan ala ijaaramanii fi lafa saamaman hordofuun gara baankii lafaattii akka deebi’uuf ajaja dabarsine jedhee kan dubbatu ta’us, garuu dhugaan lafa irra jiru lafa uummanni seera qabeessummaan hayyamsiisee bitatee mana irratti ijaarrate gaaffii seeraa tokko malee osoo ragaa hayyamaa hin gaafatinis jalaa diigaa akka jiran addeeffameera.
Karoorri sirnichaa bu’uurumaan saamichaan of ijaaruuf jecha maqaa ijaarsi seeraan alaa kunis pilaaniin magaalichaa seeraan akka lafa hin buuneef danqaa ta’uun miidhagina magaalaa akkasumas bakkeewwan magariisaa irratti dhiibbaa uumee jira jedhee kan dubbatu ta’us, dhugaan lafa irra jiru kana irraa adda akka ta’eefii dinagdeen saba Oromoo dadhabsiisuu irratti akka xiyyeeffate itti dabaluun ONM’f ibsaniiru.
Shiftoonni koloneel Abiy Ahimed bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii kutaa magaalaa Buraayyuu fi kanneen birootti maqaa ijaarsa seeraan alaa fi saaminsa lafaa xiqqeessuu akkasumas miidhagina magaalotaa kan jedhuun irra deddeebiin manneen jiraattotaa beenyaa tokko malee diigaa turuu isiniif gabaasaa turuun keenya kan yaadatamu oggaa ta’u, yeroo ammaas bifa Haarawaan jabaatee itti fufee akka jirus ONM odeeffateera.

