ONM-ABO Bitootessa 8, 2025
Murni faashistii PP kutaa magaalaa Shaggar Siitii bulchiinsa magaalaa Malkaa Noonnootti kaleessa Bitootessa 7, 2025 ganama sa’a 5:00 irraa eegalee jiraattota irratti manneen diigaa turuu fi gara fuulduraattis dabalanii diiguuf sagantaa qabatanii jiraachuu maddeen ONM’tti himanii jiru.
Akka magaalaa Shaggar Siitiitti manneen kuma kudha shantu (15,000) tu diigama jedhamee erga dubbatamee torbee kan caale yoo ta’u, naannoo bulchiinsa magaalaa Malkaa Noonnoo bakka addaa Taaxaq ykn Taaddasaa Biirruu ‘Industrial Area’ kan jedhamutti poolisoonni kaleessa nama manni isaa irraa diigame tokko reebicha ulfaataa irratti raawwachuun ajjeesanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kana malees ollaadhuma sanaa immoo dubartiin tokko aarii manni ishee diigame kanaan of rarraastee kan duute yoo ta’u dabalataanis poolisoonni magaalattii akka malee jiraattota biroos reebicha hamaa irraan gahuun yeroo ammaa hedduun isaanii hospitaala galanii wal’aanamaa jiraachuus ONM odeeffateera.
Saba Oromoo lafa irraa duguugee dhabamsiisuuf kan murteeffate sirni impaayerattii of harkaa qabu Bilxiginnaan, sababoota adda addaa kan uummatni hin beekne funaanee tooftaalee garaa garaa baafachuun guyyoota dhufaa fi darbaa gochoota suukkanneessaa fi rifaasisaa kan gara jabeenyaa fi hammeenyaan guutame, akkasumas argaa fi dhageettiif illee kan hin tolle uummaticha irratti raawwachaa jira.
Yeroo namni waan nyaatee bulu yaadda’utti mana waggaa meeqa dafqee ijaarrate irratti diiguun bakka biraatti baasii dabalataan akka galanii jiraatan dhiibaa kan jiran yoo ta’u, impaayerattiin kan namoota galii gadi aanaa fi giddu galeessaa akka hin taane ifatti agarsiisaa jiru.
Murni imaammata hiyyeessotaa jibbu hordofu Bilxiginnaan, lafa magaalaa irraa hiyyeessota buqqisee United Arab Imirates fi jaleewwan isaaf hiraa jiraachuun ni beekama.

