ONM-ABO Bitootessa 7, 2025
Hundeeffama magaalotaa fi ijaarsa Koriidariin dachee Oromiyaa irraa saba Oromoo buqqisanii abbootii qabeenyaa fi lukkeelee Bilxiginnaa ittiin duroomsaa kan jiran aangaa’onni murna faashistii PP waggoottan lamaaf manneen uummataa daandii gubbaa irra jiran bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii kutaalee adda addaatti diigamaa kan ture tibbana immoo guutuu Oromiyaatti babaldhachuun hawaasni beenyaa tokko malee manneen isaa diigamuun cimee itti fufeera.
Haaluma kanaanis bulchiinsa magaalaa Naqamtee daandii gara Wallaggaa Yuuniversitii irraa kaasee hanga marfata 1’ffaa fi 2’ffaatti akkasumas daandii karaa masaraa Kumsaa Morodaa geessu gubbaa irraa manni jiraattotaa kumootaan lakkaawwamu torban kana keessa bifa haarawaan diigamaa jiraachuun kan himamu oggaa ta’u, hawaasni kaffaltii tokko malee ilmaan isaa fudhatee bakkee onaa keessa bulaa akka jirus jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Rakkoo diigumsa manneen jiraattotaan dhiibbaan Oromiyaa keessatti raawwachaa jiru kutaalee impaayerattii biroo keessatti adeemsifamaa akka hin jirres kan himan jiraattonni, murni Bilxiginnaa maqaa Oromoon of himaa hammeenyummaa isaa daangaa darbe mul’isuun abbootii warraa Oromoo gaafatamummaa manaa qaban boochisaa jira jechuunis itti dabaluun ibsaniiru.

