ONM – ABO Bitootessa 9, 2024
Diigumsi manneen jiraattotaa jabaatee jiraachuun kan himamu, hawaasa Oromoo kutaalee Oromiyaa adda addaa irra deemuun kutaa bulchiinsa haaraa murna bilxiginnaan hundeeffame magaalaa Shaggar siitii keessa jiraatan irratti sarbamiinsi namoomaa deemaa jiraachuun beekame.
Akka jiraattotni jedhanitti, erga isin naannoo kanatti babal’attanii kaasee seeliin WBO magaalaa keenya seenee milishoota butuu fi boombii darbuun qaamolee nageenyaa keenya ajjeesaa jira waan ta’eef asirraa buqqa’uu qabdu jechuun aanaa Akaakoo mana Abbichuu irraa jiraattota 280 ol mana irratti diiguun beekameera.
Gochaa badii kana kan raawwachiisaa jiran kantiibaa magaalichaa nama maqaan isaa Moosisaa jedhamu yoo ta’u, bulchaa aanichaa Beekaa Baqqalaa fi maqaa dhimma nageenyaa golgaa godhachuun nageenya jiraattotaa kan booressu obbo Warquu akka ta’an himameera.
Oduuma kanaan wal qabatuun guyyoota 14’n darban keessa naannoo Ejersa Goorootti manneen 120 keessaa namoota godaansisuun dhuunfaa isaaniif olfatanii jiraachuunis beekameera.

