Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni faashistii PP Finfinnee kutaa magaalaa Shaggar keessatti manneen uummataa diiguu itti fufuu yaalus, uummanni mormiin dura dhaabbachaa jiraachuun ifoome

ONM-ABO Bitootessa 12, 2025 

Dantaa murna tokkoo eegsisuuf jecha dararaa fi sobaan uummata burjaajessaa kan jiru murni PP kanaan duras akkuma beekamu magaalaa Finfinnee keessatti maqaa ijaarsa magaalaa jedhuun manneen uummataa irratti diiguun jiruu godaansaaf saba saaxilaa turus, ammas gocha isaa kana itti fufuun magaalaa Shaggar Siitii kutaa magaalota adda addaa keessatti hojii jalqabanii jiru. Haa ta’u malee karoora diigumsa isaanii kanaan uummata buqqisuuf yaalanis uummanni mormii kaasuun dura dhaabbachaa jiraachuu maddeen magaalichaa ONM’f eeran.

Gaaffiin murna PP irraa uummataaf dhiyaataa ture haqarraa kan fagaate oggaa ta’u uummannis akkas jechuun gaaffii gaafateera:

Gaaffii uummataa kanaafis qondaaltotni PP nuti pilaanii hojiitti hiikna, ka’uu fi buqqa’uun keessan dirqama, kun ammoo isiniif yaadneti jechuun dubbii goyyomsaa fi doorsisaa dubbachaa turuu ONM odeeffateera.

Exit mobile version