ONM-ABO Bitootessa 12, 2025
Dantaa murna tokkoo eegsisuuf jecha dararaa fi sobaan uummata burjaajessaa kan jiru murni PP kanaan duras akkuma beekamu magaalaa Finfinnee keessatti maqaa ijaarsa magaalaa jedhuun manneen uummataa irratti diiguun jiruu godaansaaf saba saaxilaa turus, ammas gocha isaa kana itti fufuun magaalaa Shaggar Siitii kutaa magaalota adda addaa keessatti hojii jalqabanii jiru. Haa ta’u malee karoora diigumsa isaanii kanaan uummata buqqisuuf yaalanis uummanni mormii kaasuun dura dhaabbachaa jiraachuu maddeen magaalichaa ONM’f eeran.
Gaaffiin murna PP irraa uummataaf dhiyaataa ture haqarraa kan fagaate oggaa ta’u uummannis akkas jechuun gaaffii gaafateera:
- Nuti mana keenya waggoota hedduuf keessa jiranne, seera qabeessa, kaleessa jijjirrama nuti fidneen dhuftanii har’a mana keessan diigaa, lafa inveestaraaf, diyaasporaaf kennina kan jettan hin fudhannu,
- mana keenya keessatti qalaa’insa jireenyaanuu jiraachuu dadhabnee jirra, silaa warshaa rasaasaa bantanii jirtu mana keenya keessatti nu fixaa,
- impaayera nageenyi dhabamee socho’anii hojjachuun hin danda’amne keessatti “Smart City’n” isin ijaartan eenyuufi ?
- Akkasumas magaalaan Shaggar isiniif dhufe nuun jechaa turtan amma akka warri maraatee nu maraachuuf hundeesse hubannee jirra
- nutis kana booda wareegamuuf duubatti hin jennu ittiin jechuun dubbii harkatti busheessanii jiraachuu odeessi magaalicha irraa ONM dhaqqabe ni addeessa.
Gaaffii uummataa kanaafis qondaaltotni PP nuti pilaanii hojiitti hiikna, ka’uu fi buqqa’uun keessan dirqama, kun ammoo isiniif yaadneti jechuun dubbii goyyomsaa fi doorsisaa dubbachaa turuu ONM odeeffateera.





