ONM-ABO Bitootessa 13, 2026
Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 04 keessatti ergamtoonni sirnichaa Bitootessa 10, 2026 halkaan keessaa toora sa’aatii 3:00’tti manneen jiraattotaa irra deemuun namoota kaardii filannoo fudhatanii fi kanneen hin fudhanne adda baafachaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen jedhanitti lukkeeleen sirnichaa kunneen manneen hawaasaa cabsanii seenuun miira nama naasisuu fi sodaachisuun, “guyyaa itti aanu deebinee dhufnee, nama kaardii filannoo hin fudhanne arginaan hidhaatti isin fixna” jechuun akeekkachiisanii deemuu dubbatu.
Magaalicha keessatti saamichi bifa adda ta’een naga’ee seeraa tokko malee ergamtooota sirnichaan jiraattota irratti raawwatamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.










