ONM-ABO Bitootessa 13, 2026
Godina Matakkal aanaa Dibaax ganda Tuskii Gambeelaa jedhamu keessatti gaafa Bitootessa 6, 2026 tiksiitonni barcuma abbaa irree koloneel Abiy Ahimed kan hammeenyummaa qofa barsiifamuun lammiilee nagaa akka goolaniif bobbaafaman hawaasa ooyiruu isaa irraa midhaan galchaa jiru maatii isaanii hunda waliin yeroo isaan Xaafii dha’achaa jiran maqaa sobaa itti maxxansuun yakkanii “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun hanga har’aatti bakka isaan itti hidhamanii jiran wallaalanii maatiin yaaddoo hamaa keessa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Haaluma kanaan namootni ukkaamfamanii achi buuteen isaanii dhabame muraasni maqaan nu gahe:
- Obbo Argataa Galataa ijoollee isaa nama 2 waliin, akkasumas horii gaanfaa 7,
- Obbo Dirribaa Baqqalaa ijoollee isaa 3 waliin, akkasumas horii gaanfaa 8 waliin,
bakka isaan hojii idilee isaanii hojjetataa jiran deemuun loltoonni sirnichaa ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuu jiraattonni gandichaa addeessaniiru.
Qonnaan bultoonni kunneen tuttuqaa fi hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa kan hin qabne ta’uu ifoomsuun, lukkeeleen sirnichaa immoo maqaa sobaa hawaasni keessaa hin qabneen yakkanii achii buutee dhabamsiisuu, ukkaamsaanii gara leenjii waraanaatti guuruu, ajjeessuu fi hidhuu irratti xiyyeeffatanii jiru.





