• Thu. May 28th, 2026

Aanaa Najjoo keessatti miliishota murna Bilxiginnaan dargaggoon tokko madaa’uu fi namni kamuu Baankii Siinqee akka fayyadamuuf dirqamsiifamaa jiraachuun ifoome

Mar 13, 2026

ONM-ABO Bitootessa 13, 2026 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Najjoo bulchiinsa magaalichaa keessatti tibbana Bitootessa 10, 2026 milishoota murna Bilxiginnaan dargaggoon tokko yakka osoo hin qabaanne yakkamee rasaasaan madaa’uu akkasumas waraanni sirnichaa namni kamuu Baankii Siinqee akka fayyadamuuf hawaasa dirqisiisaa jiraachuu jiraattonni magaalicha irraa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko ifoomsaniiru.

Akka jiraattonni jedhanitti, dargaggoo ammaaf maqaan isaa guutuun nun qaqqabiin jiru, badii tokko malee ergamtoonni sirna badii leellisanii fi tiksan rasaasaan madeessuu himuun, kanaan alatti akka magaalicha guutuutti tibbana afaan qawween dirqisiisanii akka uummatni Baankii Siinqee fayyadamu taasisaa jiru jedhu.

Namni ajaja kana raawwiin hin agarsiifne akka hidhamuu fi adabni barbaachisaan akka itti kennamu himuun doorsisaa jiraachuu fi sababa waraana murna kanaan akkaataa jireenyaaf faloo dhabnee jirra jechuun dabaluun dubbatu.

Akka guutuu goleewwan Oromiyaa cufatti mataan gabroomfataa koloneel Abiy Ahmed ergamtoota isaa dantaa dhuunfaarra hin darbinetti dhimma ba’uun afaan qawween deggeramee uummata Oromoo saamaa, fedhan doorsisaa, dararaa, qe’eerraa godaansisaa, achi buutee faana miilaa balleessaa, jumlaan ajjeesaa fi gocha dabaa silaa seenaanis ta’us seeraan isaan gaafachiisuu malu saba qulqulluu’rratti raawwachaa turuu fi jiraachuun dhugaa tasa haalamuu hin dandeenyedha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading