ONM-ABO Fulbaana 2, 2024
Ilmaan Oromoo bakka dhaloota isaaniin filanii hidhaa kaasee hanga ajjeechaatti irratti raawwachaa kan jiran ergamtoonni sirna impaayera jigaa jirtu ol qabuuf carraaqan namuu bakka tokkoo akka bakka biraatti hin imalle yeroo ammaa ugguranii gidisaa jiru.
Hagayya 27, 2024 magaalaa Shaggar Siitii kutaa magaalaa Buraayyuu bakka addaa Ashawaa Meedaa jedhamuun beekamutti namoota lama kanneen maqaan isaanii Milkeessaa Tuujubaa fi Caalchisaa Dirribaa jedhaman kan dhalootaan aanaa Jalduu ta’anii hojiif achi jiraaatan qabanii hidhuun gidirsaa jiraachuun beekame.
Namoonni kunneenis hojii humnaa hojjechuun kanneen jiraatan yoo ta’an isin deggartoota WBO’ti aanaan keessan guutummaan WBO’dha jechuun guyyaa saafaan reebaa mana hidhaa galchuu maddeen magaalichaa ONM’f himan.
Oromoo dammaqaa ta’uu qofaaf badii tokko malee waraqaa mana murtii malee akkanumaan qabanii bakka dhaloota isaaniin yakkuun akka hidhaa jiran dabaluun ibseera.
Guyyuma sana namoota hedduu bakki dhaloota isaanii hin beekamne jumlaan waraqaa eenyuummaa isaanii irraa fuudhanii ilaaluun yoo inni keessattuu nama Lixa Shaggar fi Wallaggaa ta’e reebanii mana hidhaatti naquu dubbatan.

