Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Magaalaa Shaggar Siitii kutaa magaalaa Buraayyuu iddoo Ashawaa Meedaa jedhamutti hidhattootni murna bilxiginnaa dargaggoota sadi qabuun hidhan

ONM-ABO Muddee 3, 2024

Ilmaan Oromoo kutaan qoodanii bakkoota hedduutti hidhaa irratti raawwachaa kan jiran murni bilxiginnaa, namootni bakka tokkoo bakka biraatti socho’uuf yeroo ammaa Oromiyaa bakkeewwan hedduutti murna bilxiginnaan hidhaan jumlaa irratti raawwatamaa jira.

Magaalaa Shaggar Siitii kutaa magaalaa Buraayyuu iddoo Ashawaa Meedaa jedhamutti murni bilxginnaa guyyaa kaleessaa jechuun Gurraandhala 1, 2024 ganama sa’a 12 irratti dargaggoota sadi sababa tokko malee mana isaanii qabanii hidhuu maddeen himan.

Dargaggoonni hidhaman kunneen dhalootaan aanaa Jalduu magaalaa Shukutee yoo ta’aan magaalaa Shukutee irraa durbee Naanaatii dubbisuuf akka gara mana ishee deeman maddeen kun dabaluun ibsuun, dargaggoonni kunneenis bakka dhaloota isaaniin akka yakkamanii hidhamanis addeessaniiru.

Dargaggoonni hidhaman kunneenis Naanaatii Guddisaa barattuu Yuuniversiitii, Araarsaa Baayisaa barataa kutaa 12ffaa fi Abbii Biraanuu kanneen jedhaman balleessaa tokko malee hidhattoota sirnichaan qabamuun mana hidhaa magaalaa Buraayyuu keessatti hidhamanii dararamaa jiraachuu maddeen dabaluun ibsan.

Exit mobile version