ONM-ABO Muddee 8, 2023
Uummatni dammaquun yeroo inni itti dhugaa fi soba adda baafachuu danda’e kanatti, murni bilxiginnaa bulchiinsa isaa kufe hiddaan jabeessee gadi dhaabuuf jecha sabicha diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaan kuffisuuf shiraan bobba’ee Oromiyaa Keessatti daba hojjechaa jira.
Haaluma kanaanis Sadaasa 5, 2023 rakkooleen gurguddaan jiraattota Finfinnee bulchiinsa magaalaa shaggar Siitii aanaa Sulultaa magaalaa Caancoo irratti jabaachuun abbootii qabeenyaa, dargaggootaa fi namoota bakkeewwan birootii gara magaalichaa deeman irratti jumlaan hidhaan raawwata akka jiru Kan himan maddeen, namuu qabeenyaa isaa irra nagaan jiraachuun itti ulfaatee jira Jechuun dubbatu.
Bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii aanaa Sulultaa magaalota akka Roobii, Caancoo fi kanneen biroo Keessatti guyyuu manneen namootaa, mana bunaa fi shaayee, akkasuma manneen nyaataa tokko tokko hojii dhorkuun hiraarsaa Kan jiran yoo ta’u, abbootiin qabeenyaa fi namootni hedduun magaalicha gadi dhiisanii bakka birootti deema jiraachuus maddeeni ONMtti himan.

