ONM-ABO Sadaasa 21, 2023
Caasaan bilxiginnaa yeroo ijaarame irraa eegalee uummata Oromoo saamuu, gudeeduu, hidhuu fi ajjeesuu irratti xiyyeeffachuun Oromiyaa keessatti Maatii nagaan qe’ee isaa irra jiraatu nagaa dhorkachuun jireenya hawaasichaa manneen hidhaa fi ajjeechaa qofa gochuun yaaddoo sabichatti uumee jira.
Bifuma kanaanis hawaasa bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii aanaa Sulultaa magaalaa Caancoo kan ta’an maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggertan jedhuun manneen hidhaatti galchanii baatiilee dheeraaf namootni hidhamanii hiraarfamaa jiran danuu akka ta’an jiraattonni dubbatu.
Magaalaa Shaggar Siitii keessatti namoota hedduu fuulli Keessan naannoo kanaaf haaradha, akkasumas caasaa WBO babaldhisaa jirtu jechuun abbootii warraa fi dargaggoonni baay’een hidhamanii akka jiranii fi isaan keessaa namoota muraasni nuti maqaa isaanii arganne Milkeessaa Buzunaa fi Katamaa Taaddasaa magaalaa Caancoo keessatti warreen dararaa ulfaataa argaa jiraniidha.

