ONM-ABO Sadaasa 29, 2023
Bilxiginnaan duula waraanaa labsee seenaa uummata Oromoo keessatti taatee addaa sanyii duguuggaa wal fakkeenya bara sirna mootolii impaayera Itoophiyaa kanneen akka Minilikii fi Haayilee Sillaasee caalaatti raawwataa kan jiru yoo ta’u, lubbuun namoota nagaas waraana sirnichaan guyyuu ba’aa jira.
Akkuma kanaanis Sadaasa 27, 2023 bulchiinsa magaalaa Shaggar siitii aanaa Sulultaa ganda Aandaa bakka addaa Kaanterii yookiin Mogor jedhamuun beekamu naannoo Gullallee yookiin dildila jedhamuti nama nagaa hojii qonnaan of jiraachisu obbo Darajjee Tolaa jedhamu akka ajjeesantu dubbatama.
Obbo Darajjeen guyyaa ajjeefaman kana bakka hojii isaanii ooyiruu isaanii keessaa hojii qonnaa guyyaa guutuu hojjechaa turuun adu-dhiha gara qe’eetti galanii loon isaanii bakkeedhaa gara naannoo manatti geessuun osoo galchaa jiranii waraanni maafi’aa PP naannoo maatiin isaa jiranitti halkan irraa sa’a 2:00tti gara isaanii deemuun akka ajjeesan maddeen magaalaa Sulultaa ifoomsan.
Dabalataanis bulchiinsuma magaalaa Shaggar siitii aanaa Sulultaa keessatti hidhaan namoota sabboonummaa qabanii fi uummata Oromoof sagalee ta’aan irratti xiyyeeffachuun hiraarsaa akka jiran beekamera.

