ONM-ABO Muddee 19, 2023
Bilxiginnaan mootummaa Habashaa ijaaruuf Itoophiyummaa faarsaa qe’ee saba bal’aatti rakkoo dhaluun, walii isaanii gidduuttis aangoo qabachuu irratti wal haa lolan malee, irra guddaa kan isaan sodaachise garuu dhiibbaa Oromoo akka ta’e hubachuun Oromiyaatti waraana bobbaasaa abbootii qabeenyaa Oromoo saamaa fi hidhaan dararaa jira.
Haaluma kanaan abbootii qabeenyaa jiraattota bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii aanaa Sulultaa magaalaa Caancoo keessatti dhiibbaa saamichaa fi dararaa murni PP irratti gochaa jiruun isin WBO tumsitu maaliif jalaa baqachuu dhiistan,namootni Kan biroon dheessuun Finfinnee jiraachaa jiru isin maaliif deemu dhiistan jechuun namoota maqaan isaanii: obbo Galataa, Addis, Gaaddisaa, Saadaa, Zawuduu, fi Obbo Tashoomaa namoota jedhaman dabalatee abboota qabeenyaa danuu hidhuun magaalaa Caancoo keessatti baatii tokkoo oliif dararaa akka jiran beekameera.
Dabalataanis maqaa ilaalcha WBO qabduu itti maxxansuun hojjetaa waajjira liqiif qusannaa Kan ta’e obbo Asheetuu Naggasaa fi hojii daldalaan Kan jiraatu obbo Katamaa (Abbaa Eebbisaa) Kan jedhamu raabsaa mana Jimaa Kan qabu osoo inni bakka hojii isaa jiruu qabuun badii malee hidhanii dararaa akka jiran maddeen ONMtti himaniiru.

