• Fri. Mar 13th, 2026

Bulchiinsa magaalaa Shaggar siitii aanaa Sulultaa keessatti hidhaan namoota nagaa irratti jabaachuun dhaga’aame

Nov 22, 2023

ONM-ABO Sadaasa 21, 2023

Caasaan bilxiginnaa yeroo ijaarame irraa eegalee uummata Oromoo saamuu, gudeeduu, hidhuu fi ajjeesuu irratti xiyyeeffachuun Oromiyaa keessatti Maatii nagaan qe’ee isaa irra jiraatu nagaa dhorkachuun jireenya hawaasichaa manneen hidhaa fi ajjeechaa qofa gochuun yaaddoo sabichatti uumee jira.

Bifuma kanaanis hawaasa bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii aanaa Sulultaa magaalaa Caancoo kan ta’an maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggertan jedhuun manneen hidhaatti galchanii baatiilee dheeraaf namootni hidhamanii hiraarfamaa jiran danuu akka ta’an jiraattonni dubbatu.

Magaalaa Shaggar Siitii keessatti namoota hedduu fuulli Keessan naannoo kanaaf haaradha, akkasumas caasaa WBO babaldhisaa jirtu jechuun abbootii warraa fi dargaggoonni baay’een hidhamanii akka jiranii fi isaan keessaa namoota muraasni nuti maqaa isaanii arganne Milkeessaa Buzunaa fi Katamaa Taaddasaa  magaalaa Caancoo keessatti warreen dararaa ulfaataa argaa jiraniidha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading