• Wed. Nov 29th, 2023

Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti saamichi qabeenya namootaa irratti hidhattoota sirnichaan raawwatamuun beekame. 

Nov 21, 2023

ONM-ABO Sadaasa 21, 2023

Ilaalcha uummata Oromoo lafa irraa duguuguu karoorfatanii hojjachaa kan jiran hidhattootni garee maafi’aa PP Oromiyaa bakkeewwan hedduutti qabeenya uummanni dafqa isaa itti lolaasee horate guyyaa tokkotti harkaa saamuun harka qullaatti hambisuun jabaatee geggeefamaa jiraachuun yaaddoo hamaa uummatichatti uumee jira.

Haaluma kanaan lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Badhaas Qorichaa keessatti dheengadda gaafa Sadaasa 19, 2023 namoota nagaa jalaa hidhattootni magaalaa Bonii irraa gandichatti bobbaafaman qabeenya namootaa saamaniiru.

Mul’isaa Diroo jalaa loowwan afur  Abbabaa Faajjii loowwan sadii Aadde Galaanee Magarsaa jalaa loowwan sadii saamanii deemuun magaalaa Bonii keessatti qalatanii nyaachaa jirus jechuun jirattonni dubbatu.

Gandicha keessatti maqaa waraana bilisummmaa Oromoo qallabdu jedhuun reebichi manguddoota dabalatee namoota nagaa irratti geggeefamaa jiraachuus dabaluun ibsan.ONM-ABO Sadaasa 21, 2023 Ilaalcha uummata Oromoo lafa irraa duguuguu karoorfatanii hojjachaa kan jiran hidhattootni garee maafi’aa PP  Oromiyaa bakkeewwan hedduutti qabeenya uummanni dafqa isaa itti lolaasee horate guyyaa tokkotti harkaa saamuun harka qullaatti hambisuun jabaatee geggeefamaa jiraachuun yaaddoo hamaa uummatichatti uumee jira.

Haaluma kanaan lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Badhaas Qorichaa keessatti dheengadda gaafa Sadaasa 19,2023 namoota nagaa jalaa hidhattootni magaalaa Bonii irraa gandichatti bobbaafaman qabeenya namootaa saamaniiru.

Mul’isaa Diroo jalaa loowwan afur Abbabaa Faajjii loowwan sadii Aadde Galaanee Magarsaa jalaa loowwan sadii saamanii deemuun magaalaa Bonii keessatti qalatanii nyaachaa jirus jechuun jirattonni dubbatu. Gandicha keessatti maqaa waraana bilisummmaa Oromoo qallabdu jedhuun reebichi manguddoota dabalatee namoota nagaa irratti geggeefamaa jiraachuus dabaluun ibsan.  

Leave a Reply