ONM-ABO Sadaasa 21, 2023
Seer-dhablummaan impaayera Itoophiyaa keessatti karaalee murna PP’n ilmaan Oromoo irratti adeemsifamaa jiru egeree sabichaaf yaaddeessaa ta’uun, waraanni koloneel Abiy Ahimed guutuu Oromiyaatti bobbaafamanii jiran, saamichaa fi manneen jiraattotaa gubuu irratti Kan argaman yoo ta’u, namootni hedduun jireenyi isaanii godaansaaf saaxilamanii akka jiran himatu.
Sadaasa 15, 2023 waraanni goolessaan PP lixa Wallaggaa aana Begii ganda Xiilloo bakka addaa Nooraa jedhamutti namoota irratti miidhaa hamaa gubaatii manneenii fi loon jalaa ooffachuu jirattonni dubbatu.
Namootni qabeenyi isaanii jalaa Saamame Nuraaddiin Naasir Jaallataa loon 1 qabeenyaa mana guutuu waliin, Isiyaaq Maammoo Naga’oo loon 2 qabeenyaa mana keessaa waliin, Sayid Saddeetaa Alamuu qabeenyaa waliin mana yoo guban, obbo Daani’eel Sanbatoo Deebi’aa jalaa maallaqa bataskaana Xiilloo 20,000 saamuun, Raamatallaa Uyyaa Dootii mana isaa qabeenyaa waliin Kan gubatee akkasumas manni barsiisotaa 3 qabeenyaa waliin waraana PP’n jalaa gubachuu Maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Aanicha keessatti dhukkuba busaan walqabateen yeroo itti uummanni rakkatee gargaarsa barbaadutti gochoota akkanaa irratti raawwachuun isaanii uummaticha gadadootti hambisuuf akka hojjachaa jiran kan ifaan ifatti muldhatuudhas jedhan.
