• Wed. Nov 29th, 2023

Harargee lixaa aanaa Mi’eessoo keessatti namoonni nagaan baatii dheeraaf murtii seeraa malee hidhamanii jiraachuu maddeen himan

Nov 21, 2023

ONM-ABO Sadaasa 21, 2023

Oromiyaa keessatti kaabinoonni murna bilxiginnaa maqaa waraana bilisummmaa Oromoo of dura qabuun namoota haaloo irraa qaban aangoo qabanitti fayyadamuun mana hidhaatti guuraa jiru.

Haaluma kanaan hidhaa akka meeshaa waraanaatti fayyadamuun waraanni fi kaabinoonni murna bilxiginnaa hawaasa nagaa mana hidhaatti guuraa kan yoo ta’u lixa Harargee aanaa Mi’eessoo araddaa torbayyoo keessatti namoota hedduu maqaa waraana bilisummmaa Oromoon yakkuun baatii sadii fi isaa ol akka hidhanii dararaa jirantu dubbatama.

Namoonni murtii seeraa malee osoo mana murtiitti hin dhihaatin hidhamanii dararamaa jiran maqaan isaanii  Aashaa Mahaammad Adam, Diinee Aliyyii  Usmaa’il, Abdii Bushuraa fi Kiimiyaa Abdooshee kanneen jedhamaniidha.

Namoonni armaan olitti maqaan isaanii heeraman kunneen warroota abbaa maatii ta’anii fi hojii idilee isaanii irratti bobba’uun jiraatan malee siyaasa kan hin beekne ta’uu jiraattotni dabaluun dubbatu.

Leave a Reply