ONM-ABO Sadaasa 21, 2023
Guyyaan Daa’immanii Addunyaa waggaa waggaan Saddasa 20 kan kabajamu yoo ta’u, addunyaa irratti mirga daa’immanii, nageenya, barnoota, fayyaa fi gammachuu guddisuu irratti kan hojjetamu ta’uu gabaasni Aljazeeraan kaleessa qabatee ba’e ni ibsa.
Guyyaan kun bara kana kan dhufe waraana Israa’el Gaazaa irratti geggeessaa jirtu gidduutti. Uummata Gaazaa namoota miliyoona 2.3 ta’an keessaa gara walakkaan daa’immaniidha.
Onkoloolessa 7 irraa eegalee haleellaan Israa’el yoo xiqqaate daa’imman 5,500 ajjeesuu qondaaltonni Falasxiin himaniiru. Sunis daqiiqaa 10 keessatti daa’ima Falasxiin tokko kan ajjeefamu yoo ta’u, ykn daa’imman 200 keessaa tokko kan Gaazaa keessatti ajjeefamudha.
Daa’imman dabalataa 1,800 caccabaa gamoo jalatti kan dhabaman yoo ta’u, irra caalaan isaanii du’aniiru jedhamee tilmaamameera. Daa’imman 9,000 dabalataan kan miidhaman yoo ta’u, Ijoolleen kun hedduun isaanii miidhaa waraana hamaa keessa darbaniiru.
Infogiraafiin aljazeeraan maxxanse irra maqaa fi umriin daa’imman torban jahan darban keessatti lola Israa’el fi Hamaas gidduutti geggeeffameen ajjeefaman keessaa walakkaa gadi tarreessee jira.
Lola Israa’el fi Hamaas keessatti geggeeffameen alattis biyyoota hedduu keessatti daa’imman sababa lolaan ajjeefaman hedduu dha. Gaanfa Afrikaa impaayera Itoophiyaa Oromiyaa keessatti daa’imman Oromoo loltoota bilxiginnaan akka baalaa harca’aa jiran sababa uwwisni miidiyaa biyyoota alaaf ugguramaa ta’eef ba’ee dubbatamaa akka hin jirre ni beekama.



















