ONM-ABO Adoolessa 2, 2024
Murni ajjeesee wakkachuu bare bilxiginnaan erga weellisaa jaallatamaa fi kabajamaa ija uummata Oromoo kan ta’e Haacaaluu Hundeessaa ajjeesanii booda, haqa isaas awwaaluun namoota dhibbootaan lakka’aaman ajjeesee kumootaan ammoo hidhaatti darbachaa kan ture hanga har’aatti sababa isaan hidhaatti nama guuruun hin hafne.
Jala bultii yaadannoo waggaa 4’ffaa wareegamuu weellisaa Haacaaluu Hundeessaa irraa qabee handhuura Oromiyaa Finfinnee fi Shaggar Siitii kutaa adda addaatti dargaggoonni hedduun sababa suuraa weellisaa Haacaaluu qabu uffatan qofaaf hidhaatti darbatamanii dararamaa kan jiran danuu akka ta’an maddeen keenya magaalaa Finfinnee fi naannowaa ishee nuuf eeraniiru.
Keessattuu kutaa Shaggar Siitii aanaa Sabbataa keessatti namoonni hedduun qabamuun waajjira poolisii ganda 02’tti harka isaaniitti cancalli kaa’amuun isin ergama WBO’f dhuftan jechuun reebicha ulfaataa irraan ga’uun dararaa akka jiran beekameera.
Kutaa dhiphoo keessatti namoonni 135 ol maqaa siyaasaan qabamanii dararamaa kan jiran ogguu ta’u, namoonni maqaan isaanii nu ga’es muraasni Warqinaa Leellisaa dhalootaan aanaa Wallisoo kan ta’e, Rooberaa kan jedhamu dhalootaan godina Baalee fi Galataa Fayyeeraa Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuuti. Dararaa jabaa irraan ga’uun Galataa kan jedhamu guyyaa lama hidhanii gadhiisanis kanneen biroo hanga har’aatti mana hidhaa keessatti hiraarsaa jiru
Uffannaan dargaggoonni kunneen ittiin yakkaman barreeffama gabaajee WWOB jedhu kan ofirraa qabu, WBO jedha jechuun hidhuus dubbatu
Barreeffama sanas yaadannoo Haacaaluu Hundeessaa ilaalchisee Gumii afaan Oromoo irratti barattootatu gurmaayee warra harka qalleessa gargaara malee siyaasa waliin kan wal simu miti jechuun ONM’tti himaniiru.
Yerootti Finfinnee keessatti namoota isaaniin waltajjii guyyaa aartist Haacaaluu wagga waggaan kabajatanis, galma bilxiginnaan qopheesseen alatti kutaalee bulchiinsa magaalaa fi godinoota keessatti Haacaaluu yaadachuun yakka ta’ee jira.

