OMM-ABO Adooolessa 2, 2024
Sirni cubbamaan hayyoota Oromoo galaafachuun ija uummataa jaamsee dukkana garbummaa keessatti uummata Oromoo tursiisuu barbaadu bilxiginnaan, beektota hedduu uummatichaaf sagalee ta’uun rakkoo siyaasa impaayerattii fala ni fidu jedhee Oromoon abdatu irra deddeebiin ajjeesuun gocha isaa badaa kana kan waakkatu ta’uun beekamaadha.
Akkuma kanaan wareegamuu Artistii Haacaaluu Hundeessaaf mataa ta’uun kan beekamu bilxiginnaan, Waxabajjii 29, 2024 irraa eegaluun guyyaa kaleessaas Adoolessa 1, 2024 Yaadannoo Wareegamuu Haacaaluu Hundeessaaf dargaggoota mana barumsaa sadarkaa 2’ffaa yaadannoo Haacaaluu Hundeessaa kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii naannoo kondominiyeemii Galaanitti kan argamu keessatti, guyyaa Wareegama Artistii Haacaaluu Hundeessaa yaadachuuf qophiirra osoo jiranii Barsiisota, Hooggantoota mana barumsichaa fi barattoota jumlaan hidhanii jiru.
Hooggantootni mana barnootaa kun barattootni kutaa 12’ffaa qormaata eegalanii waan jiraniif qormaata qopheessaa jiraachuu fi yeroo hin malletti hidhaatti darbanii hiraarsaa jiraachuu maddeen ibsan.
Manneen maxxansaas T-sheertii fi Barjaa Artistii Haacaaluu akka hin maxxansine dhorkamaniiru.
Shaggar Siitii Sabbataattis mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Waatoottis gochuma wal fakkaataa raawwataa kan jiran yoo ta’u dargaggoota Yaadannoo Wareegamuu Artistii Haacaaluu Hundeessaa irra jiran qabanii reebicha hamaa irratti raawwachuun uffata suuraa Haacaaluu qabu irraa baasanii jumlaan hidhuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

