ONM-ABO Amajjii 31, 2025
Maqaa paartii bulchiinsa isaa qofa jijjiirrachuun aadaa mootummoota abbaa irree impaayerattii duraanii faana dha’uun dhiittaa mirga namoomaa uummata irratti raawwataa fi duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti labsee guyyuu waraana akka feetee isaan gidirsaa kan oolu koloneel Abiy Ahimed gochoota hammeenyaa isaa lammiilee nagaa irratti geggeessuu itti fufsiisee jira.
Kutaa magaalaa Shaggar Siitii fi magaalaa Finfinnee keessatti dargaggoota Lixa Oromiyaa irraa akkasumas kutaalee Oromiyaa garaa garaa irraa gara magaalichaa imaluun hojii humnaa hojjechuun of jiraachisan bakka birootii dhuftanii akkamitti asitti hojjettanii jiraattu, isin ergama biroof dhuftan malee ittiin jechuun jumlaan ukkaamsuun hidhaa fi leenjii waraanaatti guuraa kan jiran oggaa ta’u, magaalota kanneen keessatti guyyaa guyyaan maqaa sakatta’iinsa jedhuun saamichaa fi dararaa addaa addaan uummata gidirsaa jiraachuu maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Murni Bilxiginnaa bututtuu impaayera Itiyoophiyaa deebisee suphee ilmaan Oromoo kolonii habashootaa jalatti deebisee cabsuuf kan carraaqu Oromoota haala nageenyaa fi qaala’iinsa jireenyaa dheessuuf jecha bakkeewwan Oromiyaa garaa garaa deemanii humna isaaniin of jiraachisan balleessaa tokko malee bakka jireenya keessanii dhuftanii akkam as jiraattu ittiin jechuun Oromiyaa biyya abbaa isaanii irratti kutaa fi amantiin qoodee jumlaan ukkaamsuun mana hidhaa fi dirree leenjii waraanaatti dirqiin guuraa jiraachuun yaaddoo ulfaataa keessa isaan galchee jiraachuus jiraattonni dabaluun ONM’f himaniiru.

