Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kutaalee Shaggar Siitii hundaa fi bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti dargaggoota Oromoo ukkaamsuun cimee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 9, 2024 

Gara jabinni mootoliin dhufaa darbaan impaayerattii bulchan Oromoo irratti raawwatan ajjeesanii hanga konkolaataan lafarra harkisuu, manneen hidhaatti darbachuu, ibiddaan gubuu, jiraa namootaa fannisuu fi bineensa nyaachisuun baratamaa ta’ee jira.


Bara warreen nuti ilmaan abbaa Gadaati jechuun Bilxiginnaan hololu kanas weellistoonni Oromoo danuun ukkaamfamuun dhabamsiifamuu dabalatee namoonni ija shakkii siyaasaan qabaman kuma kurnootaan dhabamsiifamanii jiraachuun cinatti dirqiin mooraa leenjii waraanaatti dargaggoonni waggoottan afran darbanii kaasee hanga har’aatti guuramuun jabaatee itti fufeera.

Akka kanaanis dargaggoonni Oromoo godinaalee Oromiyaa hunda irraa gara handhuura Oromiyaa Finfinnee dalagatanii buluuf jecha imalan kutaa fi gandaan qoodamanii ukkaamfamuun baatiilee sadan darbanii kaasee jumlaan guuramaa akka jiran jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Kutaalee Shaggar Siitii Buraayyuu, Sulultaa, Galaan, Laga Xaafoo- Laga Daadhii fi Kutaalee biroo dabalatee dargaggoota bakkeewwan hojii warshaa, hojii humnaa hojjetanii fi manneen puulii irraa adamsuun waraanni garboomfataan PP jumlaan qabuun mooraa leenjii waraanaatti dirqiin guuraa akka jirus itti dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version