Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dargaggoonni sadiif shamarran Oromoo lama magaalaa Finfinnee naannoo Gullalleetti humnoota tika Bilxiginnaan hidhamuun beekame

ONM-ABO Bitootessa 2, 2024

Bara bulchiinsa bilxiginnaa keessa ilmaan Oromoo nagaan bakka tokkoo gara bakka biraatti imaluuf rakkoo guddaa keessa galuun humnoota murna bilxiginnaan ajjeechaa fi hidhaan bakkeewwan hedduutti Oromummaa isaanii qofaaf irratti raawwatamaa jira.

Guraandhala 25, 2024 magaalaa Finfinnee naannoo Gullallee jedhamutti nama nagaa hojii idilee isaa geggefatu kan maqaan isaa Obsaa Baqqalaa Caalaa jedhamu dhalataa lixa Shaggar aanaa Dandii magaalaa Gaaleessaa kan ta’e sababa tokko malee qabuun mana hidhaa magaalaa Buraayyuutti guyyootaaf erga hidhaniin booda guyyaa kaleessaa Bitootessa 1, 2024 mana hidhichaa irraa baasuun gara mana hidhaa Xooraayiloochitti dabarsanii hidhuu maddeen ifoomsan.

Dhiira lamaa fi shamarran lama ammaaf kan maqaan isaanii nu hin geenye waliin qabamuu isaanii maddeen kun ibsuun, bilxiginnaan namoota kutaan qoodee sababa tokko malee bakka dhalootaan yakkuun ajjeechaa hanga hidhaan namoota Finfinnee fi bakkeewwan adda addaatti gidirsuun isaanii maddeen kunneen dabaluun himaniiru.

Exit mobile version