Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ilmaan Oromoo magaalaa Finfinnee keessaa qabamuun achi buutee dhabamsifamaa jiru

ONM-ABO Waxabajjii 30, 2024

Uummata Oromoo ijaan arguu kan jibbee fi namoota nagaa akkuma WBO’tti ilaaluun gochaa isaanii malee bakka jireenyaa isaaniin fo’ee qabee achi buutee dhabamsiisaa kan jiran tikootni bilxiginnaa, maqaa magaalaa Finfinnee keessatti mormiin kamuu ka’uu hin qabu jedhuun namoota nagaa qabee dhabamsiisa.

Ilmaan Oromoo jiruu fi jireenya isaanii fooyyeeffachuuf jecha bakka jireenyaa isaanii irra deemanii hojiiwwan adda addaa hojjechuun ofii fi maatii isaanii jiraachisan murna bilxiginnaan adamfamuun hidhata WBO qabdaatiin mana hidhaatti guuruu fi mana hidhaa irraa baasanii dhabamsiisuun magaalaa Finfinnee keessatti murna bilxiginnaan jabaatee itti fufee jira.

Dargaggoo Dajanee Geetaachoo kan jedhamu jiraataa godina Kibba Lixa Shaggar yoo ta’u, waggoota dheeraaf magaalaa Finfinnee naannoo Furii jiraachaa akka ture hiriyaan isaa tokko ONM’tti himeera.

Dargaggoo Dajaneen abbaa maatii yoo ta’u hojii rifeensa sirreessuun kan naannoo Keenterii jiraatu akkasumas gaafatama maatii qabu nama nagaa hojii isaa qofatti xiyyeeffachuun jiraatu ta’us, torbee darbe badii tokko malee qabuun mana hidhaa magaalaa Furiitti dararamaa akka ture ibsa.

Guyyaa kaleessaa kanas Waxabajjii 29, 2024 mana hidhaa magaalaa Furii sana keessaa baasuun bakki isaan geessan hin beekamin jiraachuu fi maatiin hanga ammaatti iyyaafachaa akka jiranii fi ajjeesaniif dhiisanii isaaniis waanti beekamaan hin jirus jechuun hiriyaan isaa kun dubbate.

Akka naannoo Furiitti dargaggoonni hedduun bakka dhaloota isaaniin foo’amanii qabamanii hidhamaa fi ajjeefamaa akka jiran dargaggoon kun dabaluun ibseera.

Exit mobile version