Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Gullallee keessatti waraanni bilxiginnaa Shamarree Oromoo tokko ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisan

ONM-ABO Caamsaa 26, 2023

Magaalaan Finfinnee magaalaa guddittii Oromiyaa yoo taatu, sabaa fi sablammoota magaalatti jiraatan keessa ilmaan Oromoo addatti xiyyeeffatamuun adamsamanii hidhamuu fi doorsifamuun qe’ee abbaa Isaanii keessatti bakka jireenyaa dhabaa jiru.

Caamsaa 24, 2023 magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Gullallee keessatti Shamarree maqaan ishee Caaltuu Asfawuu jedhamtu waraanni sirnichaa qabuun hanga amma bakki geessan hin beekamin jira jechuun maddeen gabaasan.

Hiriyyoonni Caaltuu Asfawuu akka  jedhanitti  yeroo qabamtetti hiriyyaa ishee Kan biroo waliin akka jirtu himuun, yakka tokko malee waraana sirna bilxiginnaan ukkaamfamuun achi buutee ishee dhabnee jirra jedhan.

Kana malees shamarreen kun dhalootaan godina Lixa Wallaggaa yoo taatu, jireenya foyya’aa jiraachuuf gara magaalaa Finfinnee deemuun hojii dhuunfaa ishee irratti bobbaatee akka jirtu hiriyyoonni ishee Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Exit mobile version