Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Shamarree Caaltuu Asfaaw Eessatti qabamte?

SQ-Caamsaa 24, 2023

Shamarree Caaltuu Asfaaw Magaalaa Finfinnee keessaatti qaamota tikaafi Poolisi Magaalaa Finfinneen Finfinnee keessaatti Caamsaa 24/2023 qabamuun mana hidhaatti darbatamte.

Caaltuun nama lama ta’aani Osoo jiranii akka qabamtees odeeffanne. Akka Sagaleen Qeerroo Bilisummaa Oromoo odeeffateetti nama lama ta’aani Magaalaa Finfinnee Naannoo Phaaster jedhamuun beekamuutti qabamte.

Qeerroo fi Qarree Oromoo magaalaa Finfinnee keessaatti maaf adamsuu?
Magaalaan Finfinnee magaalaa Guddoo Oromiyaa taatee osoo jirtu irra deddebi’iin magaalicha keessaatti dargaggoonni Oromoo ukkaamfamu. Baayyeen isaani eessaa buuten dhabamanii kan hafaniis danuudha.

Dargaggoonni Oromoo magaalatti Hojii barbaachaaf bakkoota hundarra kan dhufan yoo tahu. Haatahu malee, qaamonni tikaa Dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun magaalicha keessaatti ukkamsu.

Caaltu Asfaaw yeroo amma Meeksikootti hidhamtee akka jirtuus himama.

Exit mobile version