ONM-ABO Hagayya 28, 2023
Magaalaa Finfinnee bakkeewwan garaagaraa irraa ilmaan Oromoo jiruu fi jireenya fooyya’aa jiraachuuf kutaalee Oromiyaa keessaa gara magaalaa Finfinnee deemuun carraaqqataa jiran, godina fi kutaan qooduun qabanii hidhaa fi achi buutee dhabamsiisaa jiru.
Haaluma kanaan dargaggoo Zalaalem Kabbadaa jedhamu bakki dhaloota isaa lixa Wallggaa kan ta’e dheengadda ganama Hagayya 26, 2023 magaalaa Finfinnee iddoo addaa Alam Baankii jedhamuun beekamu, bakka hojii isaatii Oromummaan yakkamuun hidhattoota tiksitoota impaayerattiin qabamuun eessa akka geeffame hin beekamin jira
Ilmaan Oromoo dachee abbaa isaanii magaalaa Finfinnee irraa bu’aa argachuu qaban osoo hin argatin, dafqanii jiraachuu dadhabuun magaalattiin bakka itti ilmaan Oromoo hidhaman, achi buutee dhabamsiifamanii fi guyyaa guyyaatti dhiigni isaanii keessatti dhangala’u akkasumas irraa buqqifaman ta’uun ni beekama.

