Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Magaalaa Finfinnee keessatti humnoonni tika Bilxiginnaa dargaggoota Oromoo ukkaamsuun achi-buutee dhabamsiisuu itti fufan

ONM-ABO Onkoloolessa 8, 2024 

Yeroo adda addaatti ilmaan Oromoo kutaalee impaayerattii bakkeewwan garaa garaa irraa badii tokko malee sababa ‘Oromummaa’ fi ‘Sabboonummaa’ isaanii qofaaf yakkamuun akka bineensaatti adamfamuun ukaamfamaa jiraachuun ni beekama.

Tibba kana ammoo magaalaa Finfinnee keessatti dargaggoonni Oromoo hedduun kabaja Ayyaana Irreechaaf kutaalee Oromiyaa garaagaraa irra gara handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinnee imalan poolisoota sirnichaan ukkamfamuun achi-buutee dhabamsiifamaa jiraachuu maddeen himan.

Haaluma kanaan guyyaa dheengaddaa jechuun  Onkoloolessa 5, 2024 dargaggoo maqaan isaa Tamuu Waaqoo Hundee jedhamu bakki dhaloota isaa Lixa Oromiyaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Sulula Finca’aa kan ta’e, yeroo ammaa Yuunivarsiitii Injibaaraatti barataa muummee Antiroopoloojii waggaa 5’ffaa kan ta’e, magaalaa Finfinnee keessatti Kabaja Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee kan bara 2024 irra osoo jiruu badii tokko malee ergamtoonni sirnichaa “maaliif uffata aadaa Oromoo bifa addaa uffatta” jechuun qabanii, yeroo ammaa kanas eessa akka geeffame wallaalamuu maddeen ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version