ONM-ABO Onkoloolessa 27, 2024
Magaalota Oromiyaa adda addaa irraa loltoonni faashistii Abiy Ahimed dargaggoota jumlaan ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu fi achi buutee faana isaanii dhabamsiisaa jiru.
Torban darbe keessa kutaalee magaalaa Finfinnee adda addaa keessaa loltoonni sirnichaa sabboontota ilmaan Oromoo sobaan yakkuun dargaggoota maqaan isaanii:
- Tsaggaayee Indaaluu,
- Magarsaa Simaa,
- Waaqjiraa Geetachoo,
- Saamu’eel Israa’el,
- Galataa Baqqalaa,
- Bilqilaa Guutaa,
- Boontuu Hayilee fi kanneen biroo maqaan isaanii adda hin baane hedduu ukkaamsanii achi buutee faana isaanii dhabamsiisuu namoonni itti dhiheenyaan beekan ni dubbatu.
Guyyaa guyyaan ergamtoonni bilxiginnaa ilmaan Oromoo handhuura biyya isaa irra akka hin jiraanne qabanii hidhaatti darbachuun qarshii guddaa gaafachuu fi lubbuu dhabamsiisuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.

