• Fri. Mar 13th, 2026

Magaalaa Finfinnee keessaa dargaggoota ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun cimee itti fufe

Nov 2, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 27, 2024 

Magaalota Oromiyaa adda addaa irraa loltoonni faashistii Abiy Ahimed dargaggoota jumlaan ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu fi achi buutee faana isaanii dhabamsiisaa jiru.

Torban darbe keessa kutaalee magaalaa Finfinnee adda addaa keessaa loltoonni sirnichaa sabboontota ilmaan Oromoo sobaan yakkuun dargaggoota maqaan isaanii:

  1. Tsaggaayee Indaaluu,
  2. Magarsaa Simaa,
  3. Waaqjiraa Geetachoo,
  4. Saamu’eel Israa’el,
  5. Galataa Baqqalaa,
  6. Bilqilaa Guutaa,
  7. Boontuu Hayilee fi kanneen biroo maqaan isaanii adda hin baane hedduu ukkaamsanii achi buutee faana isaanii dhabamsiisuu namoonni itti dhiheenyaan beekan ni dubbatu.

Guyyaa guyyaan ergamtoonni bilxiginnaa ilmaan Oromoo handhuura biyya isaa irra akka hin jiraanne qabanii hidhaatti darbachuun qarshii guddaa gaafachuu fi lubbuu dhabamsiisuu  cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading