ONM-ABO Hagayya 25, 2024
Ergamtoonni bilxiginnaa magaalota Oromiyaa adda addaa irraa ilmaan Oromoo badii tokko malee sobaan yakkuun, ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisaa kan jiran yoo ta’u, handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinnee irraa ergamtoonni sirnichaa dargaggoota Oromoo adamsuun ukkaamsanii hidhaatti darbachuun achi buutee dhabamsiisaa jiru.
Ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatame hordofee Artist Taammiraat Tolasaa loltoota sirnichaan ukkaamfamuun erga qabamee hanga har’aatti achi buuteen isaa dhabamuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.
Dargaggoota Oromoo hedduu sabaan qooduun magaalaa Finfinnee keessaa adamsanii hidhaatti darbachuun dhabamsiisaa kan jiran loltoonni sirnichaa dargaggoo, waloo fi barreessaa Waadaan Geetaachoos ukkaamfamuun ji’oota hedduuf hanga ammaatti achi buuteen faana isaa dhabamuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Dargaggoonni hedduun magaalaa Finfinnee keessaa bakka hojii isaanii dhaquuf daandii irra deeman badii tokko malee qabamuun kutaa magaalaa adda addaatti hidhamanii dararaa hamaa argaa kan jiran kan lakkoofsa hin qabne ta’uun, loltoonni sirnichaa dargaggoota Oromoo irratti addatti xiyyeeffachuun sobaan yakkee qabuun mana hidhaatti naqee achis fuudhee dhabamsiisaa kan jiruu fi fedhii isaanii malee humnaan gara mooraa leenjii waraanaatti ergaa jiraachuunis ibsamee jira.

