Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dargaggoonni Oromoo magaalaa Kamisee irraa gara handhuura Oromiyaa Finfinnee deemaa turan 3 poolisoota PP’n magaalaa Finfinnee keessaa qabamuun achi buutee dhabamsiifaman

ONM-ABO Fulbaana 26, 2024

Murni bilxiginnaa gama tokkoon dargaggoota Oromoo dirqii fi goyyomsaan qabee dirree waraanaatti guuruun lola isaan hin ilaallannetti hirmaachisee lubbuu isaanii obbaasaa kan jiru yoo ta’u,  kallattii biraan ammoo jiraachuun dargaggoota Oromoo bowwuu mataa isa guddaa itti ta’uun, akka bineensa bosonaatti adamsanii ajjeesuu, jumlaan hidhanii dararuu fi manneen hidhichaa irraa baasanii achi buutee dhabamsiisaa jiru.

Akkuma kanaan torbee darbe Fulbaana 16, 2024 dargaggootni Oromoo magaalaa Kamisee irraa gara handhuura Oromiyaa Finfinnee deemaa turan 3 poolisoota sirnichaan  konkolaataa irraa buufamuun eessa akka geeffaman hin baramin jira jedhu namootni waliin turan. 

Akka namoonni konkolaataa sana irra waliin turan ONM dubbise himanitti, dargaggoonni sadan kun dhalootaan godina Walloo ta’uu fi magaalaa Kamisee irraa kaane jechaa turan, gandi  isaanii eessa akka ta’ee fi maqaan isaanii illee eenyu akka ta’e hin beeknu, poolisoonni kun magaalichuma buufata Xiyyaaraa Boolee cinaatti maqaa sakattaa jedhuun konkolaataa erga dhaabsisanii booda, daargaggoonni kun uffata aadaa Walloo keewwatanii afaan Oromoo walitti haasa’aa otoo jiranii  poolisoonni konkolaataa ol  seenuun keessaa buusanii  eessaa dhuftan? ittiin jechuun wawwaachisaa turan, ergasii eessa akka isaan buusan hin beeknu jechuun dubbataniiru.

Namni kan biraan konkolaataa sanarra ture tokko akka jedhutti dargaggoonni kun sadan tilmaamaan umuriin isaanii 15-17 bira kan hin darbine ta’uu fi sababni isaan dargaggoota kana ukkaamsaniif inni ijoon badii qabaataniif osoo hin taane, uffata aadaa Walloo uffatanii afaan Oromoon haasa’anii kolfaa deemaa turan, kana gidduutti warri nagaa Oromoo hin feene poolisoonni impaayerattii  konkolaataa sana seenanii warreen kun sadan ba’uu qabu jedhanii gadi buusuu fi dargaggoonni kunis maaliidha yeroo jedhanitti callisaa jechuun osoo isaan wawwaatanii qabanii deemuun eessa akka geessan hin baramin jira jechuun dabaluun ibseera.

Exit mobile version