Godina Lixa Shaggar Aanaa Jalduu keessatti waraanni murna maafi’aa PP namoota nagaa hidhuu fi reebaa kan jiru yoo ta’u ona Liiban Jaawwiittis shamarran Oromoo ukkamsan.
( ONM-ABO Waxaabajjii 8,2022 )
Murni bilxiginnaa waraana beekumsa fi dandeetti ittiin nageenya sabaa eegan hin qabnee fi akka sirnicha qofa itti eeganiin meeshaa itti hidhee uummatatti bobbaasuun godina lixa Shaggar aanaa Jalduu magaalaa Bonii keessatti Waxaabajjii 7/2022 maqaa waraana bilisummaa Oromoo deeggartu jedhuun namoota nagaa homaa keessayyuu harka hin qabne hidhuu fi reebicha hamaa irraan ga’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoota hidhaman keessaa ammaaf maqaa kan arganne Giddumaa Warquu,
Tokkummaa Warquu, Nagaasa Gaaddisaa fi Aaddee Joroo Dabalaa jedhamtu qabanii erga reebicha hamaa irraan ga’aniin booda hidhuu maddeen dabaluun ifoomsaniru.
Kana malees torbanoota darban magaaluma Bonii kana keessatti gooticha waraana bilisummaa Oromoon lolamuun Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii irratti fudhateen hedduu ishee du’aa fi madoon kan adabe yoo ta’uu aariidhuma saniin qeerroowwan nagaa sadii rasaasaa itti roobsuun ajjeessuu isaanii gabaasnee turre.
Oduma wal fakkaatuun godinuma lixa Shaggar ona Liiban Jaawwii keessattis waraanni murna faashistii PP shamarraan Oromoo lama ukkamsee jira.
Ona Liiban Jaawwii magaalaa Baabbichaa keessatti Waxaabajjii 6,2022 shamarran Oromoo lamaan qabaman hidhaman kun Meetii Jaarsoo fi Caaltuu Mootummaa jedhamu.
Shamarran Oromoo lameen kun badii tokko malee mana maatii isaanii magaalaa Baabbichaa keessaa qabamuun buufata poolisii ona Liiban Jaawwii kan magaaluma Baabbichaa keessatti argamutti hidhamuun dararamaa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

