Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti Waraanni murna bilxiginnaa namoota nagaa ajjeessuu fi hidhuu hammeessuu jiraattootni dubbatan

Godina lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti Waraanni murna bilxiginnaa namoota nagaa ajjeessuu fi hidhuu hammeessuu jiraattootni dubbatan.

( ONM-ABO Adoolessa 1,2022 )

Murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguuf karoorfatee hojjachaa jiru waraana dandeetti waraanumma hin qabnee fi dabballoota beekumsi itti hir’atu , beekumsi isaanii namoota aarii dhuunfaa irra qaban ajjeessisuu, hidhuu fi saamsiisuu ta’e uummatatti bobbaasuun godina lixa Shaggar aanaa Jalduu magaalaa Goojjoo ganda Dirree Beekumsaa keessatti dargaggoo Goobanaa Waasee jedhamu Waraana Bilisummaa Oromoo leenjistee bosonatti ergaa jirta jechuun torban darbe qabanii hidhuun dararaa jiraachuu jiraattootni Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf himaniiru.

Kana malees ganda Dirree Kattaa keessattis dargaggoo Birhaanuu Laggasaa jedhamuu ammoo nama hojii doqdoqqee hojjechuun jiraachaa jiru waraanni sirna bilxiginnaa qabuun doqdoqee Waraana Bilisummaa Oromoo oofta ittin jechuun qabanii hidhaan dararaa jiru.

Itti dabaluunis qeerroo tokko ammaaf maqaa kan hin arganne bakki dhaloota isaa aanaa Miidaaqany kan ta’e hojii daldalaaf gara aanaa Jalduu magaalaa Goojjoo deemee osoo magaalaa keessatti konkoolaataa irra bu’uu waraanni murna faashistii PP waraqaa eenyummaa kee fidi jechuun erga waraqaa eenyummaa isaa irraa fuudhaniin booda waraqaan eenyummaa isaa ona Miidaaqany yeroo ta’u maal asii goota ati ergamtuu waraana Bilisummaa Oromooti ittiin jechuun waajjira Poolisii aanaa Jalduutti ji’oota sadii oliif erga hidhaniin booda gaafa Waxabajjii 29/2022 mana hidhaa sanaa baasuun aanaa Dandii Bosona Cillimoo keessatti ajjeessanii gatan.

Aanaa Jalduu keessatti yeroo garaagaraatti waraanni mootummaa sirna bilxiginnaa kaabinoota aanicha waliin wal ta’uun sobanii maqaa garaagaraa uummatatti maxxansuun ajjeessaa, hidhaa, saamaa fi qe’ee irraa buqqisaa jiraachuu gabaasa turuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version