Lixa Shaggar aanaa Jalduutti murni bilxiginnaa saamicha fi hidhaa hawaasa nagaa irratti geggeessaa jiru jabeessee jiraachuu jiraattootni dubbatan.
ONM-ABO Hagayya 22,2022 Murni bilxiginnaa yeroo amma waraana hedduminaan leenjisuun Oromiyaa godinaalee cufatti bobbaasuun dararaa hammeessee jira.
Waraanni murna faashistii kun gandootaa fi magaaloota baayinaan itti qubsiifaman kanatti dabballoonni waraanicha waliin ta’uun saamicha daangaa hin qabne uummata irratti geggeessaa jiru.
Godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu bulchinsa magaalaa Goojjoo fi Bonii keessatti torban darbe keessa dabballoonni aanichaa waraana of dura hirirsuun sa’a wal fakkaatatti bulchinsa magaalaa lameenitti namoota walga’ii yaasyun waraqaa eenyummaa amma maatii isiin qabdan waliin isiinif kennina, isa booda amma maatii keessaniitiin maallaqaa namni tokko xiqqaa fi guddaa oso hin jenne qarshii shantama shantama kanfaltuu jechuun ittiin naallaqa saammachaa turan.
Kana malees gabaatti namni beeladoota gurgurus ta’e bituu horii tokkotti qarshii 200 akka kanfaluus dirqisiisaniiru.
Saamichi isaanii kun magaalaa Goojjootti Sanbata darbe jechuun gaafa Hagayya 20,2022 kan eegale yoo ta’u magaalaa Bonitti ammoo kibxata dhufu eegaluuf qophii irra akka jiran jiraattootni magaalota lameenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Itti dabaluunis achuma magaalaa Bonii keessatti maatii qabsaa’ota dararuu fi hidhuu hammeessuun obbo Bokii Dhaabaa, Dirbabaa Gonfaa fi aaddee Biraanee Birruu kanneen jedhaman ijoollee keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira jechuun qabanii lafti isaan geessanis hin beekamin jiraachuu maatiin Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.
Warroonni ijoolleen keessan miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo ta’an yeroo gabaabdu keessatti sossobdanis ta’e fala barbaaddaniin hin galchitan taanaan itti gaafatamtu waan ta’eef galfadhaa yoo hin galfannee ta’e tarkaanfiin isin irratti fudhatamuuf itti gaafatamummaa kan fudhatu isin matuma keessanii jechuun walga’icha irratti hawaasa doorsiisa turuunis jedhaniiru.

