ONM-ABO Sadaasa 1, 2025
Godina Lixa Shaggar Aanaa Jalduutti lukkeeleen farra ilmaan Oromoo ta’aan namni kamuu Oromoo ta’ee dhalatee miseensa paartii badhaadhinaa hin ta’u yoo ta’e hireen isaa du’aa fi jireenya gadadoo ta’uu qaba jechuun tibbana namni umrii 18 olii kamiyyuu qarshii 60 kaffalee miseensa sirnichaa akka ta’uuf dirqama gogaa itti kennuun hiraarsaa jiraachuun ibsameera.
Akka jiraattonni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise ifoomsanitti qarshiin miseensummaaf fuudhamaa jiru kunis yeroo gabaabaa keessatti dhumuu qaba jechuun kanneen miseensummaaf fedhii hin qabne ammoo jumlaan hidhaatti guuranii gidirsaa jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru.
Kana malees murni badiin kun aanichuma keessaa horii uummataa ooffachuun gara mooraa waraanaatti geessuun qalachuu fi maatii qabsaa’otaa irratti xiyyeeffannoo taasisuun bakkeewwan uummani socho’an maratti hordofanii gidirsaa jiru.
Akka jiraattonni himanitti addatti roorroon maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irra gahaa jiru cimuun daandii magaalaa Jalduu geessuu mara irra dhaabbachuun sakkatta’iinsa taasisaniii guyyoota gabaas qabanii hidhaa akka jiran itti dabaluun ifoomsaniiru.
Bilxiginnaan garbummaa uummanni Oromoo jaarraa tokkoo fi walakkaa oliif keessa jirutti furmaata godhee sabaaf aara-galfii fi boqonnaa waaraa kenna jedhee yeroo sabni abdii guutuu irraa qabutti daranuu faallaa nagaa sabichaa cilee ibidda buutee taasisuutti jira.

