ONM-ABO Adoolessa 15, 2024
Bara Oromoo ta’uun yakka ta’e keessatti uummanni nagaan gocha isaanii malee qabata ilma keetu miseensa WBO’ti akkasumas, deggartoota isaaniiti jedhamuun manneen irratti gubachuu, hidhamuu, saamamuu fi jumlaan ajjeefamuun murna PP keessatti jabaatee itti fufee jira.
Dhumaatii jumlaan hidhattoota sirnichaan addatti maatii qabsaa’otaa irratti raawwatamu cimee kan itti fufee jiru yoo ta’u, Lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Jawwee Bonii bakka addaa Maaqade jedhamu keessaa guyyaa kaleessaa Adoolessa 14, 2024 maqaa ilma keetu WBO keessa jira jedhuun nama maqaan isaa Hirphaa Iddeessaa jedhamu mana isaa keessaa qabuun ajjeesanii bakka addaa Ejersaa jedhamutti gatanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Akka jiraattonni jedhanitti namni kun qonnaan bulaa ta’uu dubbachuun, ilmi isaa kunis nama umriin isaa waggaa 25 olii akka ta’ee fi nama kanaaf gaafatama gochuun, seeruma imphaayerattii keessa akka hin jirree fi jarri duguuggaa sanyiif karoorfatanii akka jiran illee dubbatu.
Maatii qabsaa’otaa irratti xiyyeeffachuun guyyuma kaleessaa kana gandootuma sana keessaa namoota maqaan isaanii Tolaa Agabaasaa jaarsa ganna 70, Xuruu Tolaa barattuu kutaa 7’ffaa, Deessisee Caalaa maanguddoo ganna 70 fi Caalaa Magarsaa jaarsa ganna 60 reebicha hamaa irratti raawwachuun hidhanii akka jiranis dabaluun ibsaniiru.

