Lixa Shaggar onoota garaagaraa keessatti waraanni bilxiginnaa dararaa hammeessaa jiraachuu jiraattootni dubbatan.
( ONM-ABO Waxabajjii 15,2022 )
Godina lixa Shaggar onoota akka Daannoo, Jibaat, Calliyaa fi Noonnoo keessatti murni bilxiginnaa waraana isaa fi finxaaleyyii Amaaraa itti bobbaasuun uummata Oromoo saamaa fi saamsisaa jira.
Onoota kanneen keessatti loon uummataa qaluu, oofanii gabaatti gurguruu, manneen gubuu, ajjeechaa fi hidhaan hammaatee geggeeffamee jira.
Manneen keessatti namoota gubuu, ati ilmi kee miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun ajjeessuu, hidhuu fi qe’ee irraa godaansisaa jiru.
Onoota lixa Shaggar maqaan olitti eerame kana keessatti ilmaan Oromoo Oromummaan yakkamuun ija diinummaan ilaalaa kan jiranii fi finxaaleyyiin Amaaraa gama isaaniin mootummaa da’oo godhachuun jibbiinsa Oromoof qaban kallattii cufaan irratti agarsiisaa jiraachuu maddeen lixa Shaggar Arraata Biyyoolessa Oromiyaa himaniiru.

