Godina baha Shaggar onoota garaagaraa keessatti abbootii qabeenyaa fi hojjettoota mootummaa irraa deggersa maatii poolisoota lola irratti ajjeefamanii jechuun dararaa jiru.
ONM-ABO Hagayya 6,2022 Murni bilxiginnaa lola keessaa ba’uu hin dandeenye Oromoo irratti erga baneen booda ilmaan Oromoo maqaa poolisii fi raayyaa ittisa biyyaa jedhuun leenjisee bobbaasuun lola gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo waliin geggeessuun namoota achi irratti ajjeefamaniin maallaqa kadhachaa jira.
Haaluma kanaan godina baha Shaggar onoota garaagaraa keessatti xalayaa maallaqa ittiin abbootii qabeenyaa fi hojjettoota mootummaa godinichaa irraa itti walitti qaban kan Daarektoreetii hogganaa poolisii godina baha Shaggariin mallattaa’ee ba’een ajajni darbee jira.
Maallaqni kun kan walitti qabamu onoota godina baha Shaggar cufa irraa yeroo ta’u kan inni funaanamaa jiru ammoo maqaa maatii poolosoota lola waraana bilisummaa Oromoo waliin godinicha keessatti geggeeffamaa jiruun ajjeefaman gargaaruu jedhuu akka ta’e xalayaa ba’e irraa hubachuun ni danda’ama.
Murni bilxiginnaa karaa ittiin maallaqa saamu qofa barbaadee hojjetu, godinicha keessatti du’aa isaan daldala eegaluu kan dubbatan jiraattoonni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise, gareen maafi’aa kun Waraana Bilisummaa Oromoo balleessineerra, badeeraa fi boojineerra jechaa turuun miidhamee ittiin maallaqa kadhachaa jiraachuu xalayaa kanaan amanuun isaa iyyuu bu’aa qabsoon bilisummaa Oromoo fidaa jiru akka ta’e dubbataniiru.

