Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Tikootni fi Waraanni sirna bilxiginnaa lola Waraanni Bilisummaa Oromoo godina lixa Wallaggaa onoota garaagaraa irratti fudhateen booji’aman uummata Oromoo dhiifama gaafachuun qabiinsa WBOn isaaniif gochaa jirus dinqisiifatan

Tikootni fi Waraanni sirna bilxiginnaa lola Waraanni Bilisummaa Oromoo godina lixa Wallaggaa onoota garaagaraa irratti fudhateen booji’aman uummata Oromoo dhiifama gaafachuun qabiinsa WBOn isaaniif gochaa jirus dinqisiifatan.

ONM – ABO – Sadaasa 25, 2022 Waraannii Bilisummaa Oroomo Onkoloolessaa 14,2022 irraa qabuun lixa Oromiyaa onoota lixa Wallaggaa keessatti tarkaanfii diina qulqulleessuu fudhachaa tureen injifannoo boonsaa galmeessuu gabaasnee turre.
Lola qindaa’a kanarratti tikootni, ajajootni waraana , miseensonnii waraana sirna bilxiginnaa fi milishootni sirna balfama PP dhibbootan lakka’aman booji’amaniiru. Tikootni, milishootni fi waraanni bilxiginnaa booji’aman kun Arraata Biyyoolessa Oromiyaa irratti akka dubbatanitti waraana bilisummaa Oromoo sobaan yakkanii irratti duuluun cinatti uummata Oromoo bal’dhaa, qe’ee isaanii gubsiisaa ,hidhaa ,saamaa fi ajjeesisa turreerra jedhan. Ittuma fufuun booji’amtootni kun WBOn kaayyoo fi akeeka loluuf hin qabu, haawwanii fi shamarran Oromoo gudeeduu fi abbootii qabeenyaa saamuuf wal ijaaran jechuun dantaa dhuunfaa keenyaaf dhugaa jiru dhoksaa turres jedhaniiru .Haleellaa WBOn fudhate kanaan kan booji’aman kun baay’ina waraanaa fi meeshaalee ammayyaa’oo WBOn hidhatee jiru ajaa’absiifachuun WBOn dhugumaan impaayera Itoophiyaa diigee biyya Oromiyaa ijaaruuf humna qabaachuu isaas waan argan irraa dubbatan. Tikootni fi waraanni bilxiginnaa kunneen kunuunsaa WBOn isaaniif taasisees dinqisiifachuun dhugumaan WBOn waraana naamusa waraanumma fi aantummaa uummata Oromoo qabu ta’uu isaa fi waraana seerota waraana addunyaa eeguu ta’uu isaas dabaluun addeessaniiru.
Dhuma irrattis hojii farrumma uummata Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoo irratti raawwachaa turaniif dhiifama gaafachuun barnoota siyaasa fi xiinsammuu kennamaafii jiruuttis gammaduun achi ba’an hawaasa keessa akkaataa itti sabbunummaaa Oromummaan jiraatan irratti hubannoo guddaa argachuu isaanii turtii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa waliin taasisanii ibsaniru.

Exit mobile version