Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni Bilisummaa Oromoo aanota to’ate keessatti nageenyaa tasgabeessee nagaan uummatni akka wal keessa socho’u gochaa jiraachuu ajajootni waraana dirree irraa ibsan

Waraanni Bilisummaa Oromoo aanota to’ate keessatti nageenyaa tasgabeessee nagaan uummatni akka wal keessa socho’u gochaa jiraachuu ajajootni waraana dirree irraa ibsan.

ONM-ABO Sadaasa 5,2022 Gootichi Waraana Bilisimmaa Oromoo Onkololeessa 31,2022 irraa qabuun duula tarkaanfii waraana bilxiginnaa Oromiyaa keessaa buqqisuun eegaleen aanota 10 godina lixa Wallaggaa keessaa guutuutti to’atee jira. Lola jabaa geessee aanota kana dhuunfateen booda aanota kanneen keessatti nagaa tasgabbeessuu, namootni hojii idilee isaaniitti akka deebi’an gochuu fi sochiin hawaasa akka jiraatu taasisaa jra.
Waraanni Bilisummaa Oromoo qaawwaa bulchiinsa uumame kanatti hawaasni akka hin jeeqamneef koree bulchiinsa bilisummaa yeroo ijaaruufiin uummatni rakkoo isaa jaarsoliin akka furatu taasisuun nagaan eegamee qabeenyi naannichaa akka tikfamuu irratti hojiin hojjetame guddaa dha.


Aangaa’ota waraana bilxiginnaa akkasumas dabballoota isaanii sadarkaa itti gaafatamummaa garaagaraa irratti sirnicha tajaajilaa turanii fi mooraa waraanaa keessatti waraana bilxiginnaa waliin booji’aman akkaataa seera waraanaa idil addunyaan raawwachaa jiraachuu ajajaan waraana bilisummaa Oromoo naannichaa ibsaniiru. Ololli tarkaanfii waraanni bilisummaa Oromoo fudhatee diina buqqise cinaatti dhiifamee miidiyaalee afaan Oromoo biroon WBOn naannoo qabatetti miidhaa nama irraan ga’aa jiraa fi qabeenya saame jedhu soba ta’uu jiraattootni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko ibsaniiru. Duula waraanaa armaan dura geggeeffamaa turetti qabiinsa qabeenyaa irratti hawaasa naannoo irraa WBO komee qabaachaa turus duula ammaan garuu uummatni erga ajajaa olaanaa Waraana Bilisummaa Oromoo dhaga’uun hawaasni tarkaanfii fudhatame tumsuun alatti sirna dhablummaa raawwates hin qabu.

Waraanni Bilisummaa Oromoos naamusa waraanummaa isaa eeggatee waan godhuu fi hin goone waan beekuuf loltoota diinaa qaqqee qabatanii itti dhokaasan irratti xiyyeeffate lolaa kan jiruudha malee hawaasa nagaa irratti tarkaanfii fudhachaa jiru kan qabne ta’uu fi maqa balleessiin akkasii hawaasni Oromoo aanota akkasumas godinoota biroo tarkaanfii WBOn fudhachaa jiru abdiin eeggachu irra akka balaaleffatan gochuuf shira hojjetamaa jiruu dha jedhan. Xumura irratti yaada isaanii yoo guduunfan lolli geggeeffamu itti waan fufuuf uummatni keenya olola diinaan osoo hin burjaaja’in tumsa WBO gochaa jiru haa jabeessu jechuun dirree lixaa irraa yaada isaanii Arraata Biyyoolessaa Oromiyaaf qoodaniiru.

Exit mobile version