ONM-ABO Ebla 16, 2024
Lolaan yeroo Waraana Bilisummaa Oromoo dadhaban murni bilxiginnaa hawaasa of dura oofuun, uummanni Oromoo akka sirnicha waliin jiru fakkeessuun waggoota darban irraa eegaluun hawaasaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo walitti buusuuf shira siyaasaa dalagaa turan itti fufanii jiru.
Hawaasa of dura buusuun isaaniis kaayyoon isaanii inni jalqabaa WBO’n akka hawaasatti dhukaasuuf jecha yoo ta’u akka shira isaanitti WBO’n yoo hawaasa miidhe uummatichi ni jibba waan ta’eef carraa kana fayyadamna jedhanii akka ta’es kan beekamuudha.
Guyyaa kaleessaa jechuun Ebla 15, 2024 aanaalee godina Horroo Guduruu Wallaggaa Jimmaa Raaree, Abaaboo Guduruu, Jimmaa Gannatii, Coomman Guduruu, Abbaay Coomman, Saqalaa, Amuruu, Jaartee fi kanneen biroo keessatti uummata dirqamaan yaasanii bosonatti naquu jiraattotni ONM’tti himan.
Namoota kanneenitti eeboo, haaduu fi wantoota akka ulee qabachiisuun bosonatti duubaan reebaa naquu dubbatan.
Waraanni Bilisummaa Oromoo aanota kanneen keessa socho’us gochaa isaanii kana dursee waan hubateef uummata isaaf ba’e waan ta’eef akkasumas dirqamaan akka uummatichi bobbaafame waan beekuuf callisee akka ilaales WBO aanota kanneenii irraa ONM qulqulleeffateera.

