Dabballoonnii fi waraanni murna bilxiginnaa ilmaan Oromoo humnoota finxaaleyyii Amaaraan godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Amuuruu irraa buqqaa’an Waraana Bilisummaa Oromootu nu buqqise jedhaa jechuun uummata doorsisuun dhagaa’ame.
ONM-ABO Hagayya 6, 2022- Dabballoonnii fi waraanni murna bilxiginnaa shira siyaasaa taphachuun humnoota finxaaleyyii Amaaraa godina Horroo Guduruu Wallaggaa onoota garaaagaraa keessatti ijaaruun uummata ajjeesisaa, saamsisaa fi buqqaasisaa erga turaniin booda, amma deebi’uun uummata buqqa’een ammoo Waraana Bilisummaa Oromootu nu buqqise jechuun ragaa ba’aa jechaa jiraachuun barameera.
Murni bilxiginnaa dhagaa tokkoon similar lama rukuchuu barbaadu gocha ofii godhe dhokfachuuf dheengadda Hagayya 2,2022 godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Amuruu keessatti uummata Oromoo gandoota aanaa Amuruu keessaa finxaaleyyii Amaaraan buqqa’uun magaalaa Obborraa qubatanii jiran dirqiin akka WBO maqaa xureessaan gochaa turan.
Uummata buqqa’e waliin itti gaafatamaan komaandpoostii aanaa Amuruu poolisii federaalaa inispekter Nugusuu, Saajin Zalaalem , Itti gaafatamaa humna addaa Oromiyaa, Fiqaaduu Yaadataa bulchiinsa aanaa bakka bu’uun akkasumas itti gaafatamaan poolisii aanichaa waltajjii irratti argamuun haasaa taasisaniin akka maqaa finxaaleyyii Amaaraa dhiisanii WBO xureessan itti himuun yoo kana ta’e malee isaaniin gargaaruu akka hin dandeenye itti dhaadataniiru.
Uummatni garuu gama isaaniin kan nu buqqisee fi nu gube waraana bilisummaa Oromoo osoo hin taane finxaaleyyii Amaaraati akkasumas meeshaan murna bilxiginnaan nu irraa hiikame nuuf deebi’uu qaba jedhaniiru.
Itti dabaluunis Waraanni Bilisummaa Oromoo gocha badii murni bilxiginnaa jedhu kana akka hin raawwannee fi fuula duras qaamni Oromoof hoo’ee birmachuu danda’u WBO qofa waan ta’eef diraamaa sobaa keessaniif taatota hin taanu jechuun waltajjii kibxata darbe sa’a 3:00 hanga 7:00tti geggeefamee bu’a dhabeessa taasisaniiru.

