Godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Amuruu keessatti humnootni finxaaleyyii Amaaraa fi waraanni bilxiginnaa namoota 80 ol ajjeesuun qabeenyas mancaasan.
ONM-ABO Fulbaana 27,2022 Lafa abbootni isaanii dhiigaa fi lafee itti cabsuun qabanii asiin ga’e humnootni finxaaleyyii Amaaraa kan kaleessa Oromoon qaroominaa fi tooftaa bulchiinsaa barsiisaanii ture, har’a yeroo fi deggersa gantootaa argachuun qe’ee isaa irratti ajjeesaa, gubaa fi buqqaasaa jiru.
Dheengadda Fulbaana 25, 2022 godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu ganda Goobuu Sirbaa keessatti finxaaleyyiin Amaaraa waraana bilxiginnaan deggeramuun tarkaanfii Dilbata darbe ganama irraa qabuun fudhataniin uummatni Oromoo 80 ol ajjeefamuun, hedduun mada’anii, horiin gaanfaa 2000 saamamee, manneen gubachuu fi qabeenyi qarshii miliyoona 5 olitti tilmaamamu manca’uu jiraataan ona Amuruu tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.
Akka jiraataan kun jedhetti humnootni finxaaleyyii 6000 olitti tilmaamaman aanota godina Horroo Guduruu biroo fi Baha Wallaggaa Kiiramuu irraa akka dhufan dubbachuun jarreen kun meeshaa fi leenjii waraanummaaf murna bilxiginnaa irraa argachaa akka jiran kaaseera.
Humnootni finxaaleyyii kun waggoota lamaa asitti naannichatti gochoota salfachiisoo hedduu raawwachuu kaasuun murni bilxiginnaa Waraana Bilisummaa Oromootu isin keessa jira waan ta’eef, akka WBOn gara keenya hin dhufneef uummatni naannichaa guutuutti baduu qabu jechuun duula kana qindeessanii bobbaasaa jiraachuu dabaluun addeessaniiru.

