Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu keessatti hidhattoonni finxaaleyyii Amaaraa namoota hedduu ajjeesuun manneen jiraattoota gubuun qabeenya hedduus saaman

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu keessatti hidhattoonni finxaaleyyii Amaaraa namoota hedduu ajjeesuun manneen jiraattoota gubuun qabeenya hedduus saaman.

ONM-ABO Hagayya 31,2022 Faashistichi Abiy Ahimed erga aangootti dhufee qabsoo bilisummaaaf ilmaan Oromoo lubbuu itti kitiman butuun olaantummaa saba Amaaraa mirkaneessuuf leenjii kennuufii fi meeshaa waraanaa hidhachiisuun finxaaleyyoota jibbiinsa Oromummaa qaban Oromiyaa bakkoota garaagaraa erga qubsiisee ture.

Haaluma kanaan Hagayya 30,2022 ganama barii finxaaleyyiin Amaaraa kun godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu bakka Haroo jedhamu qubatanii jiran gara godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuuru magaala Agamsaatti ce’uun lubbuu namoota hedduu ajjeesuu jiraattonni naannichaa baqatan Arraata Biyyoolessaa Oromiyaattii himanii jiru.

Akka jiraattoonni Arraatni Biyyoolessaa Oromiyaa dubbise jedhanitti manneen hedduu abiddaan barbadeessuun qabeenya hedduus saamani jiraachuu dubbataniiru.

Hanga gabaasni kun qindaa’etti jiraattoonni hedduu qe’ee irraa kan buqqa’an yoo ta’u manneen 500tti tilmaamu gubachuun lubbuun namootaas darbuun barameera.

Finxaaleyyii Amaaraa godinoota baha Wallaggaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti murna bilxiginnaa da’oo godhachuun yakkoota sukkanneessaa hedduu uummata Oromoo irratti hojjechaa ture ammas itti fufee jira.

Exit mobile version